Seera AdSense Eeguudhaan Qarshii Hojjechuu

AdSense jechuun marsaartii yookiin website google ta’ee, beeksisoota garaagaraa fuula interneetii adda addaa irratti baasuudhaan galii fiduuf kan oolu
Admin


AdSense jechuun marsaartii yookiin website google ta’ee, beeksisoota garaagaraa fuula interneetii adda addaa irratti baasuudhaan galii fiduuf kan ooluu dha. Kunis kan ta’u yoo weebsaayitii, blog, marsaalee hawaasaa yookiin social media fi YouTube irratti beeksisoota waliin walitti hidhata argataniidha.

Haa ta'uu malee weebsaayitii tokko irratti beeksisi akka ba'uuf seera google adsense hordofuun dirqama ta'a. Gama biraatiin Youtube irratti beeksisi ba'uudhaaf seera Youtube hordofuun dirqama ta'a. Garuu seera kana osoo hin barreeffamma yookiin video

kamuu ol baasuu (upload) godhuun hojii dadhabbii ta'a malee, bu'aa tokkoolle argamsiisuu hin danda'u.

Gabaabummatti, AdSense seera ifaa fi sirrii kan mataa isaa qaba. Yoo seerri kuni faalleffame malli galii argachuu adSense dhaabbachuu danda’a. Kanaafu wanti hundi hundi karaa seera qabeessaa fi bifa qulqulluu ta'een hojjetamuu qaba.

     Faayidaa Google AdSense

Google adsense faayidaa hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni akka armaan gadiiti:-

1. Galii Dabalataa Argachuu – Vidiyoo fi weebsaayitii irraa qarshii dabalataa argachuun hojii biraa uumachuu.

2. Tajaajila Sirrii – Google AdSense maddeen oddeeffannoo qulqullinaa fi tajaajila qulqullinaa kan kennu dha.

3. Hojii Salphaa fi Guddina Ariifataa – AdSense irraa faayidaa argachuun salphaa fi ariifataadha. Kan asii olii kuni fayyidaawwan adSense isaa gabaabaadha.

Ulaagaalee Google AdSense keessatti Hirmaachuuf Barbaachisan

AdSense irratti hirmaachuuf seera fi ulaagaa isaa guutuun dirqama. Yoo ulaagaa kana guutuu baatte, hojii kee yookiin barnoota kee hin fudhatu. 

Kanneen armaan gadii ulaagaa hirmaachuuf barbaachisan keessaa muraasa isaanii dha:-

Youtube Kee Yookiin Website Kee -

1. Qulqullina kan qabu ta'uu qaba

2. Seera google adSense kan eege ta'uu qaba 

3. Mata-dureewwan seera faallessu ta'uu hin qabu

4. Copy paste irraa fagaatee fi walumaagalatti seera adsense kan eegee ta'uu qaba

          Seera Google AdSense

AdSense seera ifaa fi sirrii kan mataa isaa akka qabu jalqaba irratti kaasneera. Garuu seera google adSense kana yoo faallessite qarshii kee dhaabbatuu irra darbee, tajaajilli kees dhaabbatuu ni danda'a. Kanaaf hojii qulqullina qabu hojjechuun gaarii ta'a.

Mee seerota ijoo Google AdSense tokko tokko haa ilaallu.


1. Seera Qajeelfama Beeksisoota (Ad Content Policy)

Beeksisoota kee seera fi akkaataa qajeelfama YouTube fi Google hordofuun qopheessuu qabda.

Barreeffama maqaalee seeraan alaa yookii vidiyoo seeraan alaa kanneen akka vidiyoo walqunnamtii saalaa fi sagalee copyright qabu fayyadamuu irraa fagaachuu fi Odeeffannoo nama miidhu qabiyyee keessa galchuu irraan fagaachuu 

Qajeelfama Copyright - Viidiyoo yookiin qabiyyee nama biraa fayyadamuu irraan fagaachuu. Fayyadami kun seera cabsuu waan ta'eef adSense irraatti ni dhorkama.

Qajeelfama Jechoota Malaammaltummaa fi Jibbiinsa Dhoowwu - Jechoota jibbisiisaa yookiin arrabsoo ta'an irraan fagaachuu qabda. Sababni isaas kuni hawaasa miidhuudha malee hawaasa barsiisuu waan hin taaneef, garuu Google adSense barnoota irratti waan xiyyeeffatuuf hojii ala sii godha. Kanaafu wanta akkanaa irraan fagaachuun barbaachisaa dha.

Akkaataa Maallaqa Argachuu fi Galii Keetii Guddisuu

Galii argachuuf seera fi ittiin bulmaata adSense hordofuu qabda. Karaa qajeelfamoota kana, maallaqa guddisuuf mala tokko tokko ni ilaalla.

Qabiyyee Qulqullina Qabu - Viidiyoo qulqullina qabu yookiin barreffama qulqullina qabuu fi daawwattoota hawwatuu danda'u fi akkasumas hordoftootaa fi yookiin daawwattootaaf barnoota ta'uu kan danda'u dhiheessuu fi qabiyyee haaraa adda addaa irratti xiyyeeffachuu.

Mata duree barbaachisaa Filachuu - Daawwattoonni hedduun baayyee mata duree yookiin thumbnail irratti xiyyeeffachuun barreeffama keeti yookiin viidiyoo kee daawwachuu barbaadu. Kanaafuu mata duree Daawwattootaaf barnoota ta'uu irratti xiyyeeffachuun qopheessuu. Kanaafuu wantoota daawwattoota heddu hawwatuu fi fedhii isaanii guutuuf mata-duree barbaachisaa filachuun ni murteessa.

Miidiyaa Hawaasaa Fayyadamuun Daawwattoota Guddisuu - Miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Facebook, Instagram, Twitter fi kana kana fakkaatan irratti viidiyoo youtube kee qooduun yookiin barreeffama website kee qooduun namoota bira akka gahuu fi daawwattoota dabalataa argachuu fi galii guddaa karaa siif argamsiisuu karaa taasisuudha.

         Bu’aa Seera Eeguu 

Yoo akka qajeelfama adSense hordofte akkasumas seera isaa eegdee hojii kee yoo itti fufte, maallaqa guddaa fi milkaa’ina cimaa argachuu dandeessa.

Kana jechuunis:

• Galii Itti Fufinsa Qabu – Yeroo hunda galii itti fufaa argachuu 

• Beekamtii argachuu - kana jechuun google website kee beeka jechuu dha

• Saffisaan rank google keessa seenuu

• Carraa google search ba'uu - kana jechuun namoonni wanta barbaadan search yoo godhan wanti isaan search godhanii fi barreeffamni website wali yoo fakkate carraa keeti mul'suu guddaa ta'a jechuudha.

Walumaagalatti, qajeelfamaa fi seera adSense eeguun galii guddaa argamuu ni danda'ama. Haa ta'uu malee, adSense irraatti milkaa'uuf dadhabbiin hedduun haa jiraatuu malee, yoo ciminaan hojjatame salphaatti milka'aa si taasisa.


Thanks for reading: Seera AdSense Eeguudhaan Qarshii Hojjechuu, Sorry, my English is bad:)

Getting Info...

Post a Comment

Tech Oro

Tech Oro brings you the latest in technology, tips, and news in Afaan Oromoo. Stay updated on the newest trends, gadgets, and innovations in the tech world.

Oops!
It seems there is something wrong with your internet connection. Please connect to the internet and start browsing again.
Site is Blocked
Sorry! This site is not available in your country.