Facebook akkamitti Kafala?

Facebook irratti maallaqa baayyee hedduu kan platform kan akka youtube caalaatti maallaqa guddaa hojjechuu dandeenya.
Admin

 

Facebook platform guddaa addunyaa kanaa ta'uu irraan kan ka'e namoota hedduuf madda galii fi oddeeffannoo ta'uudhaan tajaajilaa tureera. Kana irraa kan ka'e jireenya namoota hedduus jijjiiruu danda'eera. Kana qofas osoo hin ta'in hedduminna fayyadamtootaa irraan kan ka'e sadarkaa beekamtii argachuu ga'eera. 

Fayyadamtootaa tilmaamuuf yaalii goonee turree, play Store irratti namoonni 5B+ oli ta'an download (buufachuun) fayyadamaa jiru. Facebook hamma addunyaa irra darbuun biyya keenya keessatti fayyamtoota hedduu argateera.

Facebook irraan galiin akkamitti argama?

Facebook irratti maallaqa baayyee hedduu kan platform kan akka youtube caalaatti maallaqa guddaa hojjechuu dandeenya.

Facebook irraan galii karaa baayyeen kan argamu yoo ta'uu, garuu immoo facebook irraan maallaqa argachuuf jalqaba facebook page qabaachuu qabna. Eega facebook page kan qabnu yoo ta'e, wantoota asii gadii kana hordofuudhaan page keenya irrraati maallaqa argachuu ni dandeenya. Isas gabaabsinee ilaaluudhaaf haa yaallu. 

1. Stars - jalqaba irratti ilaaluu kan dandeenyu karaa star tiin maallaqa argachuu dha. Kana jechuunis namni tokko yoo star siif kenne, star sun gara maallaqatti deebi'uu dhaan galii argamsiisuu danda'a jechuu dha. Kunis tiktok fi Telegram waliin wali fakkaata. Akkuma Gift garaagaraa tiktok fi Telegram irratti kennamu facebook irrattis Gift kana bifa kennaatiin yoo argattan gara maallaqatti jijjiiruun ni danda'ama jechuudha. Fakkeenyaaf akka qajeelfamni facebook jedhutti 

Star 1 = 0.01$

Star 1000 = 1$

Star 10,000 = 100 Akka ta'e ibsaniiru. Haa ta'uu malee, star kana namoota irraan argachuuf ulaagaalee guutamuu qabutti jiru isaanis haa ilaallu.

Ulaagaaleen jalqabaa policy facebook eeguu yoo ta'uu, akkasumas page keessan followers 500 oli qabaachuu qaba. Kana yoo ta'e nama kamuu irraan star fudhachuun ni danda'ama jechuudha. Garuu daangeeffamni biyyoota jiraachuus ni danda'a. Kana jechuun biyyoota hunda keessatti hojjachuu dhabuu danda'a jechuu dha.

2. In stream ads - kana jechuun immoo akkuma YouTube irratti viidiyoon daqiiqaa (3+) oli post godhamu akkasuma asi irrattis viidiyoo daqiiqaa sadii olii post godhuun dirqama jechuudha. Yeroo viidiyoon daqiiqaa sadii olii maxxanfamu (post) godhamu, akkuma youtube beeksisa gidduutti fida jechuudha. Karaa kanaan maallaqni argamuu ni danda'ama. Haalli fayyadamiinsa isaa youtube waliin walitti dhiyaata. Kuni ulfaataa fakkaatus garuu mala garaagaraatti fayyadamuun Viidiyoo post godhuu. Fakkeenyaaf viidiyoo youtube irratti hojjatan achi irrattis maxxansuudhaan maallaqa argachuun ni danda'ama. Haa ta'uu malee, maallaqa hojjachuuf ulaagaan kun qofti gahaa miti. Wantoota asii gadii kana eeguun dirqama ta'a.

♦ Copyright - kana jechuun viidiyoo nama biraa page guddisuudhaaf jettan akka hin fayyadamne. Kuni seera facebook cabsuu waan ta'eef maallaqa argachuu dhabuu dandeessu. Kanaafuu copyright kamuu irraan fagaachuun gaarii fi wanta murteessaa ta'eedha.

♦ Viidiyoo kanneen akka nama ajeeffasuu fi viidiyoo wal qunnamtii saalaa ofi keessatti qabanii fi kana kana fakkaatan page irratti maxxansuu irraan fagaachuun gaarii dha. Kuni policy yookiin seerawwan facebook cabsuu waan ta'eef jechuudha.

♦ Hordoftoota (followers) 10,000 - page tokko stream ads irratti beeksisa dabarsuudhaaf yookiin monetized ta'uu dhaaf yoo xiqqaate hordoftoota 10,000 qabaachuun dirqama jechuudha. Kun ulaagaa stream ads barbaaduu dha. Kun garuu bayyee salphaa dha platform kanneen biroo irra Fakkeenyaaf youtube yoo fudhanne hordoftoota 1000 argachuuf waggoota baayyee fudhachuu ni danda'a. Garuu facebook irratti hordoftoota 10000 argachuu baayyee salphaa dha jedhamee yaadama. 

♦ 600K view - kana jechuunis ji'a 3 keessatti yookiin guyyoota 90 keessatti view 600,000 argachuu qabna jechuu dha. Kunis ulaagaa monetizetion dhaaf qopha'uudha.

♦ Yoo xiqqaate viidiyoo shaniin oli maxxanfamuu yookiin upload ta'uu qabu. Wanta shani kana yoo gootan stream ads irratti monetized ta'uu ni dandeessu. Yoo stream ads irratti monetized taatan immoo maallaqa guddaa argachuu ni dandeessu.

3. Ads on Reels - kuni immoo vidiyoo gabaabaa kanneen akka tiktok fakkaatan maxxansuudhaan maallaqa karaa ittiin hojjetaaniidha.

Kun salphaa fakkaatus garuu ulaagaalee mataa isaa qofaatti qaba. Isaanis haa ilaallu.

Jalqaba irratti akkuma duraan isanitti himetti copyright eeguu barbaachisaadha. 

Lammaffaa irratti viidiyoon maxxanfamu viidiyoo qulqullina olaanaa qabu ( high quality video) ta'uu qaba jechuu dha. Stream ads 

irratti viidiyoo barbaadne maxxansuu ni dandeenya garuu asi irratti viidiyoo qulqullina olaanaa qabu qofa kan maxxanfamuu qabu.

Inni sadaffaan immoo waggaa yookiin umurii 18 oli ta'uu qabdu. Kana yoo hin ta'in monetized ta'uu hin dandeessu. Kana jechuun viidiyoo ijjoollee keessatti baayyinaan argaman maxxansuun maallaqa akka hin arganne waan taasisuuf umuriin 18 oli ta'uu qaba.

4. Subscription - kana jechuunis namoonni yoo page keessan follow godhan maallaqa dhaabbata kan kafalu jechuudha. Platform kanneen akka tiktok fi netflix fa'a akka fakkeenyaatti fudhachuu ni dandeenya. Karaa kanaanis facebook page irraan maallaqa argachuu ni dandeenya jechuudha.

Walumaagalatti, Wantoota asii olitti eeraman kana guutuun ulfaataa ta'uus, garuu immoo akka platform kanneen biroo hin ulfaatu. Waan hundaan dura garuu policy facebook eeguu barbaachisaadha. 

Qabiyyee nama biraa fuudhuudhaan itti fayyadamuun kaffaltiin ala yookiin galiin ala nama akka taasisu ibsaniiru. Fakkeenyaaf barreeffamaa fi viidiyoo garaa garaa nama biraa irraa fuudhuun fayyadamuun dhorkaadha.

Kanaafuu wanta qulqullina qabu kan copyright issues irraan fagaate fayyadamuun galii gaarii argachuu ni danda'ama. Gama biraatiin viidiyoo qulqullina qabu akka fayyadamuu qabamu ibsaniiru. Kana jechuun Reels irrattis akkasumas post irrattis jechuu dha.

Kana gochuudhaan maallaqa baayyee ta'e Youtube fi website irra dachaa lama kan ta'e argachuun ni danda'ama. Kanaafuu hojii qulqullina qabu hojjechuun akkasumas viidiyoo fi barreeffama copyright irraa fagaatan fayyadamuun maallaqa guddaa hojjechuun ni danda'ama.



Thanks for reading: Facebook akkamitti Kafala?, Sorry, my English is bad:)

Getting Info...

Post a Comment

Tech Oro

Tech Oro brings you the latest in technology, tips, and news in Afaan Oromoo. Stay updated on the newest trends, gadgets, and innovations in the tech world.

Oops!
It seems there is something wrong with your internet connection. Please connect to the internet and start browsing again.
Site is Blocked
Sorry! This site is not available in your country.