Tiktok Irraan Maallaqni Akkamitti Hojjetama?

Admin



Yeroo fi bara amma keessa jirru kanatti tiktok akka biyya keenyaatis ta'e akka biyya biroottis iddoo bashananaa guddaa fi iddoo barnoota ta'aa dhufeera. Haaluma kanaan, platform guddaa bashananaa jedhamuun hamma waamamu bira ga'uu isaa shakkiin hin qabu.

Akkasumas, namoota hedduuf madda galii ta'uu irraa darbee beekamtii kenneera yookiin laateeraaf. Kana irraan ka'e namoonni hedduu jireenya isaanii bareechuu danda'aniiru.

Tiktok akkamitti Kafala

Akkuma beekamu accountii tiktok tokko kan kafaluu danda'u yoo hordoftoonni (followers) accountii sana 10,000 ga'ee dha. Kafaltii tiktok akka kanaan ta'a jechuudha. Sana booda kafalti ni jalqaba jechuudha. Tiktok platform kanneen akka Youtube irraan wanti adda isa godhu ulaagaa baayyee gaafachuu dhabuu isaati. Platform kanneen akka, yutuubii partner youtube ta'uudhaaf yookiin monetized ta'uudhaaf yoo xiqqaate hordoftoota (subscribers) 1000 fi sa'aatii (watch hours) 4000 argachuu qabda. Tiktok garuu ulaagaalee hedduu hin qabu.

Tiktok Akkamitti monetized ta'a yookiin akkamitti maallaqa hojjeta?

Akka biyya Keenyaatti monetized ta'ee maallaqni yookiin galiin inni fidu hin jiru. Haa ta'uu malee, biyyoota gara 5 hamma 7 ta'an keessatti monetized ta'ee galii galchuu yookiin maallaqa irraan hojjechuun ni danda'a. Garuu biyya keenya keessattis mala tokko tokkotti fayyadamuudhaan karaa tiktokitiin maallaqa hojjechuun ni danda'ama. Kunis:-

1. Beeksisaan - kana jechuun yoo accountii keenya hordoftoota hedduu qabaate, beeksisa (promotion) garaagaraa hojjechuun maallaqa argachuun ni danda'ama. Fakkeenyaaf, Hoteelaaf, mana nyaataatiif, kaaffee fi iddo hojii garaagaraatiif promotion hojjechuudhaan maallaqa argachuu ni dandeenya.

2. Live seenuu - kana jechuunis live irraa ba'uun maallaqa hojjechuun ni danda'ama. Kunis kan ta'u gift(kennaa) garaagaraa argachuu dhaan maallaqa argachuu ni danda'ama.

3. Karaa Gift - Gift irraan jechuun namni tokko bifa garaagaraatiin Gift siif kennu danda'a. Kana irraan kan ka'e giiftii sun gara maallaqatti deebi'a jechuudha.

Karaa sadiin kanaan Itoophiyaa keessatti maallaqa argachuun ni danda'ama. Garuu biyyoonni tiktok keessatti monetized ta'u keessatti viidiyoo hojjechuu duwwaan maallaqni ni hojjetama. Akka fakkeenyaatti USA fudhachuun ni dandeenya. 

Biyya keenya keessatti maallaqa akka biyyoota biroo hojjetuu dhabus, namoota baay'eedhaaf beekamtii kenneera. Tasa gara fuulduraatti biyya keenya keessatti Monetization jalqabuu waan danda'uuf namni hunduu ciminaan haa hojjennuuti jenna. 

Gama biraatiin tiktok irratti chaanaal keenya biroo guddifachuuf waan danda'amuuf, fakkeenyaaf chaanaal kanneen akka Youtube, Telegram ,FB page fi kana kana fakkaatan guddifachuun waan danda'amuuf barnoota tokko irratti hojjanne karaa platform biraatiin maallaqa argachuu yookiin hojjechuu ni dandeenya jechuudha.  

Walumaagalatti, 

1. Tokkummaa Hirmaattotaa (TikTok Creator Fund): Namoonni fayyadamtoonni baay’ee hordoftoota qabu, viidiyoo isaanii irratti akka maallaqa argatan gochuuf Creator Fund irratti galmaa’uu danda’u. Garuu, hordoftoota 10,000 olii fi daqiiqaa ilaallamoo miliyoona 100 olii argachuu qabu.

2. Waldaa Daldalaa (Brand Collaboration): Hojiiwwan daldalaa ykn meeshalee beeksisuu danda’uun kaffaltii argachuuf carraa guddaa qabda. Yoo hordoftoota baay’ee qabdu, waldaalee daldalaa waliin hojjachuun ni danda’ama.

3. Badhaasa Dursaa (TikTok Live Gifts): TikTok irratti LIVE godhanii badhaasa (gifts) argachuun ni danda’ama. Badhaasni kun erga badhaafamee booda gara maallaqatti jijjiirama.

4. Daldala Koomiishinii (Affiliate Marketing): Meeshaalee ykn tajaajiloota biraa viidiyoo kee keessatti beeksisuun komiishinii irraa argachuu dandeessa.

5. Meeshaalee ofii gurguru: Yoo kaappiyyee qopheessuu fi oomisha ofii qabdu, viidiyoo kee keessatti beeksisuun dandeettii gurgurtaa ni dabala.

Barnoota biroon hamma walitti deebinutti fayyaa qabaadhaa!

Yaada keessan comment jalatti nuuf barreessaa! Guyyaa gaarii, Halkan gaarii qabadhaa!

Thanks for reading: Tiktok Irraan Maallaqni Akkamitti Hojjetama?, Sorry, my English is bad:)

Getting Info...

Post a Comment

Tech Oro

Tech Oro brings you the latest in technology, tips, and news in Afaan Oromoo. Stay updated on the newest trends, gadgets, and innovations in the tech world.

Oops!
It seems there is something wrong with your internet connection. Please connect to the internet and start browsing again.
Site is Blocked
Sorry! This site is not available in your country.